Waxabajjii 14 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Boordiin filannoo biyyooleessa Itoophiyaa har'a bu'aa filannoo waliigala 7ffaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame kan mana marii bakka bu'oota ummataa ibsee jira.
Bu’aa filannoo waliigala 7ffaa kan mana marii bakka bu’ota ummataa:
Naannoo Hararii:
Baayyinni teessoo mana marii bakka bu’oota ummataa - 2
Paartiin Badhaadhinaa teessoo - 2 argachuun injifatee jira.
Naannoo jiddu galeessa Itoophiyaa:
Baayyinni naannoolee filannoo - 35
Kan keessa bu’aan naannoolee filannoo 2 ammaaf hin ibsamne.
Kan amma ibsame kan naannoolee filannoo 33 qofa.
Baayyinni teessoo mana marii bakka bu’oota ummataa bu’aan isaa ibsame - 33
Kana keessaa:
Paartiin Badhaadhinaa teessoo - 28
IZEMA n teessoo - 2
Dorgomaa dhuunfaa kan tahan Barakat Maarqoos Dariiloo teessoo - 1
Paartiin tumsa tokkummaa Itoophiya teessoo - 1
Paartiin bilisummaa fi walqixxummaa teessoo - 1 argatanii jiru.

Naannoo Sidaamaa:
Baayyinni naannoolee filannoo - 19
Kan keessa bu’aan naannoolee filannoo 3 ammaaf hin ibsamne.
Kan amma ibsame kan naannoolee filannoo 16 qofa.
Baayyinni teessoo mana marii bakka bu’oota ummataa bu’aan isaa ibsame - 16
Kana keessaa:
Paartiin Badhaadhinaa teessoo - 13
Paartiin madrak tokkummaa demokraatawaa federaalwaa teessoo - 3 argatanii jiru.
Naannoo Somaalee:
Baayyinni naannoolee filannoo - 23
Kan keessa bu’aan naannoolee filannoo 1 ammaaf hin ibsamne.
Kan amma ibsame kan naannoolee filannoo 22 qofa.
Baayyinni teessoo mana marii bakka bu’oota ummataa bu’aan isaa ibsame - 22
Kana keessaa:
Paartiin Badhaadhinaa teessoo - 19
Addi bilisummaa biyyooleessa Ogaadeen teessoo - 1
Paartiin federaalistii Somaalee teessoo - 1
Paartiin gamtaa tokkummaa fi bilisummaa teessoo - 1 argatanii jiru.
Naannoo Beenishaangul Gumuuz:
Baayyinni naannoolee filannoo - 9
Baayyinni teessoo - 9
Kan keessa
Paartiin Badhaadhinaa teessoo - 8
Sosochiin demokraatawaa ummata Gumuuz teessoo - 1 argatanii jiru.
Naannoo Amaaraa:
Baayyinni naannoolee filannoo - 130
Baayyinni teessoo mana marii bakka bu’oota ummataa - 130
Kana keessaa:
Paartiin Badhaadhinaa teessoo - 117
Sosochiin biyyooleessa Amaaraa teessoo - 6
Sosochiin humnoota demookraatawaa Amaaraa teessoo - 3
Paartiin tokkummaa Jabartii Argobbaa teessoo - 1
Paartiin tumsa tokkummaa Itoophiyaatif teessoo - 1
IZEMAn teessoo - 1
Paartiin bilisummaa fi walqixxummaa teessoo - 1 argatanii jiru.
Naannoo bulchiinsa Finfinnee:
Baayyinni naannoolee filannoo - 23
Baayyinni teessoo mana marii bakka bu’oota ummataa - 23
Kana keessaa:
Paartiin Badhaadhinaa teessoo - 20
IZEMAn teessoo - 2
Dorgomaa dhuunfaa kan tahan Abbabaa Gammachuu Leencoo teessoo - 1 argatanii jiru.
Naannoo Affaar:
Baayyinni naannoolee filannoo - 8
Baayyinni teessoo mana marii bakka bu’oota ummataa - 8
Kana keessaa:
Paartiin Badhaadhinaa teessoo - 7
Paartiin ummata Affaar teessoo - 1 argatanii jiru.

Naannoo Oromiyaa:
Baayyinni naannoolee filannoo - 179
Kan keessa bu’aan naannoolee filannoo 6 ammaaf hin ibsamne.
Kan amma ibsame kan naannoolee filannoo 173 qofa.
Baayyinni teessoo mana marii bakka bu’oota ummataa bu’aan isaa ibsame - 173
Kana keessaa:
Paartiin Badhaadhinaa teessoo - 167
Dorgomaa dhuunfaa kan tahan Kaamil Shamsuu Siraaj teesso - 1
Dorgomaa dhuunfaa kan tahan Mallas Ijaaraa Dammee teessoo - 1
Dorgomaa dhuunfaa kan tahan Qajeelaa Mardaasaa Tulluu teessoo - 1
Dorgomaa dhuunfaa kan tahan Araarsoo Biqilaa Elemoo teessoo - 1
Dorgomaa dhuunfaa kan tahan Diimaa Nagoo Sarboo teessoo - 1
Paartii dhaloota haarawaa teessoo - 1 argatanii jiru.
Naannoo kibba dhihaa Itoophiyaa:
Baayyinni naannoolee filannoo - 20
Baayyinni teessoo mana marii bakka bu’oota ummataa - 20
Kana keessaa:
Paartiin Badhaadhinaa teessoo - 17
Paartiin bilisummaa fi wal qixxummaa teessoo - 1
IZEMA n teessoo - 1
Paartiin qindoomina nagaa Itoophiyaatif teessoo - 1 argatanii jiru.
Naannoo kibba Itoophiyaa:
Baayyinni naannoolee filannoo - 49
Kana keessaa kan naannoolee filannoo 4 ammaaf hin ibsamne.
Kan amma ibsame bu’aa naannoolee filannoo 45 qofa.
Baayyinni teessoo mana marii bakka bu’oota ummataa - 45
Kana keessaa:
Paartiin Badhaadhinaa teessoo - 35
IZEMA n teessoo - 7
Dorgomaa dhuunfaa kan tahan Masfin Altaamoo Yichaa teessoo - 1
Addi demokraasummaa ummata Wolayitaa teessoo - 1
Dhaabbanni demokraasummaa ummata Geediyoo teessoo - 1 argatanii jiru.
Naannoo bulchiinsa Dirree Dhawaa:
Baayyinni naannoolee filannoo - 2
Baayyinni teessoo mana marii bakka bu’oota ummataa - 2
Kana keessaa:
Paartiin Badhaadhinaa teessoo - 2 argatee jira.
Naannoo Gaambellaa:
Baayyinni naannoolee filannoo - 3
Baayyinni teessoo mana marii bakka bu’oota ummataa - 3
Kana keessaa:
Paartiin Badhaadhinaa teessoo - 3 argatee jira.