Caamsaa 20 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Itoophiyaan filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa gaggeessuuf qophooftee jirti.
Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffama.
Filannicha irratti sagalee isaanii kennuuf Itoophiyaanoonni Miliyoona 50 caalan galamaawanii jiru.
Filannicha taajjabuuf dhaabbiileen 55 boordii filannoo biyyooleessa Itoophiyaa irraa eyyama argatanii jiru.
Dhaabbileen filannoo marsaa 7ffaa kana taajjabuuf eyyama argatan kuniis waliigalatti bakka bu’oota kuma 60 fi 277 dhiheessanii jiraachuu boordii filannoo biyyooleessa Itoophiyaatu ifoomse.
Bakka bu’oota filannicha akka taajjabaniif dhaabbiilee kanaan dhihaatan keessaa kumni 1 fi 580 qaama midhamtoota.
Kumni 25 fi 772 ammoo dubartoota yammuu tahan kumni 34 fi 505 ammoo dhiira ta’uutu ibsame.
Caamsaa 20 irraa jalqabee hanga Caamsaa 24 bara 2018 tiitti yeroon jiru yeroo xiinxalaa akka tahee fi yeroo kanatti duula na filadhaa kamiyyuu gaggeessuun dhoorkaa akka tahe boordiin filannoo biyyooleessa Itoophiyaa beeksisee jira.